Greenways in Oromiffa

Seattle neetworkii ijaaruu irratti argamti neighborhood greenways. Neighborhood greenways  isiniif, maatii keessanii fi ollaawwan keessan daandiilee jireenyaa nageenya irra caalaa qaban, irra caalaatti nageenyaan guuttamanii dha. daandiilee irratti sagalee konkolaataa isa xiqqaa fi saffisa waliin greenway kan itti aanu gochuu danda’a.

  • Eegumsa nageenyaa irra caalaatti fooyyessuu
  • Namootni daandiilee hojiin itti baayya’atu akka ce’an gargaaruu
  • Konkolaattotaa fi daandiilee gurguddoo irraa dheeffuun daandiilee ganda keessaa fayyadamuuf akka hin jajjabeeffamne gochuu
  • Amala iddoo jireenyummaa ganda isaanii eeganii tursiisuu
  • Saffisa konkolaataawwanii saffisa isa xiqqaa irratti daangessuu
  • Bakka namootni itti deemuu barbaadan kan akka iddoo bashannanaa, manneen  barnootaa, suuqiiwwanii fi mana nyaataa fakkaatanii akka deeman gochuu.

Neighborhood greenways sararawwan biskileetiin irra deemu kan of keessaa hin qabne yoo ta’an taateen isaan uuman yoo jiraates xiqqaa dha. Baay’een isaanii sagalee kennitoota waggaa sagaliin kan mirkanaa’e Bridging the Gap galii sassaabduu jedhamuun deeggarsi maallaqaa kan godhamuufi. SDOT gaaffii baay’ee isaanif fudhatee  jira. Dhugumatti jiraattotni baay’ee ta’an gara ganda isaanii dhufuuf akka isaan gargaaru Seattle Neighborhood Greenways filachuu jalqabuu isaanitiin baay’ee gammadaa jiru.

Current Projects

Recently Completed Projects

OOFTOTA BISKILEETII

Daandiilee nageenyi isaanii eegamee kan namatti tolan ta’an.

Jiraattota

Irra caalaatti waca hin qabnee fi sochii hawaasummaa irra caalu qaban

Konkolaachistoota

Daandiilee nageenyi isaanii eeggame, waca hin qabne, irra caalaatti maal akka ta’u tilmaamamuu kan danda’u

LAFOO DEEMTOTA

Iddoo daandii itti qaxxaamuran kan nageenyi isaanii eegame fi karaa lafa deemtotaa gaarii ta’e

Ibsa bal’aa

Neighborhood greenways bu’ura gaarii irratti kan hundeeffaman ta’anii fooyyessa xixiqqoo dhuma irratti jijjiirama guddaa fidan yeroo hunda ni godhu. Gandootin tokkoon tokkoon isaanii ofii isaanitiin adda dha. Haata’u malee, amaloota walii kan ta’anii fi iddoo hundatti mul’atan greenway ni jiru.

  1. Saffisa konkolaataa sa’aatiitti gara maayilii 20 jijjiiruu
  2. Blookiwwan tokkoon tokkoon irratti safartuu saffisaa tokko ida’uu.
  3. Bakka namootni itti deemuu barbaadan akka argatan gargaaruuf mallattoolee fi mallattoolee lafoo deemtotaa itti  dabaluu
  4. Daandiiwwan hojiin itti baayy’atuu fi ittiin qaxxaamuraman irratti qarqara daandii dabalataa, daandiilee furtuu ariitii, bakka lafoo deemtootni irratti qaxxaamuran, qoodduu daandii fi mallattoo tiraafikii kaa’uu.
  5. Daandiiwwan greenway qaxxaamuran irratti mallattoo dhaabi jedhu dabaluu.
  6. Daandiiwwan lafa deemtotaa walirraa hincitne fi daandiiwwan konkolaataa akkasumas qarqara lafa qaxxaamura daandii irratti riqicha dabalataa dabaluu.

Children with balloons

Qajeelfamawwan itti fayyadama Neighborhood Greenways

Lafoo deemtota

  • Mallattoolee fi  siignaalota tiraafikaa hundaaf ajajamaa.
  • Greenway. Irra turuuf mallattoolee hordofaa

Ooftota biskileetii

  • Mallattoolee fi  siignaalota tiraafikaa hundaaf ajajamaa.
  • Lafoo deemtotaa fi konkolaataawwan dursa daandii qabaniif dursa kennaa.
  • Daandiiwwan qaxxaamurtuu fi irra daddarban irratti eeggannoon deemaa.
  • Greenway irratti turuuf mallattoolee qarqara daandii biskileetii hordofaa.

Abbootii konkolaataa

  • Lafoo deemtotaa fi ooftota biskileetii eeggannoon daawwadhaa.
  • Mallattoolee fi  siignaalota tiraafikaa hundaaf ajajamaa.
  • Iddoo konkolaataan itti dhaabbatee baatanii gara daandii guddaatti yoo galtan yeroo hunda karaa duubaa, mirgaa fi bitaatti konkolaataa keessan sochoosuu keessaniin dura daawwadhaa.
  • Daandii qaxxaamurtuu yookin irra daddarban irratti konkolaataa keessan naannessuun dura saffisa keessan hir’isaa.
  • Mallattoolee qarqara daandii biskileetii irra oofuun raqkkoo hin qabu.
  • Wanti isin gochuu qabdan yoo jiraate, nama oofaa jiruuf saffisa nageenya amansiisaa isaa kennuun isa faana deemaa yoo xiqqaate isin lamaan gidduutti fageenyi caammaa sadi ta’e jiraachuu isaa mirkaneeffadhaa.
  • Balbala konkolaataa keessan yoo bantan eeggannoo godhaa. Jalqaba irratti namootin daanddii irra demaa jiran yookin biskileetii oofaa jiran jiraachuu fi hin jiraannee isaanii mirkaneeffadhaa.

Children riding bikes

 

Transportation

Greg Spotts, Director
Address: 700 5th Ave, Suite 3800, Seattle, WA, 98104
Mailing Address: PO Box 34996, Seattle, WA, 98124-4996
Phone: (206) 684-7623
684-Road@seattle.gov

Newsletter Updates

Subscribe

Sign up for the latest updates from Transportation

The Seattle Department of Transportation (SDOT) is on a mission to deliver a transportation system that provides safe and affordable access to places and opportunities for everyone as we work to achieve our vision of Seattle as a thriving, equitable community powered by dependable transportation.