Xiinxala Qal-qixxummaa Qomoo Daandii Qajeelaa Gara Mana Barumsaatti

Mullata Walqixxummaa Sanyii

Mullanni keenya ijoollee mana marumsaa Siyaatiliif guyyaa isaanii bu’aawwan miilaan deemuufi bishikiliitii haafuu shaakaluun akka jalqaban kan:

  • Xapha of keessaa qabu
  • Nageenyi itti dhaga’amu
  • Uummata isaanii waliin walitti hidhannoo isaanii jabeessa
  • Cireedhaaf yeroodhaan mana barumsaa ga’anii barnootaaf qophaa’u
  • Fayyaa qaamaafi sammuu foyyaa’aa

Carraaqqii Siyaatil sanyummaa industiriin uumame dhaabsisuufi magaalaa hundaaf walqixa tate ijaaruuf taasisu deggeruuf, nutimmoo barattoota gareewwan uummataa kan akka bifaa, uummata warra galii gadi aanaa qaban, godaantotafi baqattoota namoota hir’ina qaamaa qaban, namoota mana dhabuun rakkachaa jiran ykn hir’ina mana jireenyaa, uummata warra LGBTQ akkasumas ijoollee durbaa irratti xiyyeeffanna.

Jijjiirama Jiru Beeksisuu

BARA 2018 KEESSA Gareen Daandii Naga Qabeessa Gara Mana Barumsaatti:

  • Qorannoo Daandii Naga Qabeessa Gara Mana Barumsaatti: Walqixxummaa Sanyii kan rakkoowwan barattoonni bifa gara garaa qaban yeroo gara mana barumsaatti miillaan deemaniifi bishkiliitii hoofan isaan mudatu faluuf qophaa’edha. Qorannoon kun afaanota 9 kan gaggeeffamu ta’ee toora rratti (online) ergaa iimeeliikee keessattiifi bakkawwan walitti qabama uummataattti taasifama
  • Qorannoo Walqixxummaa Sanyii kana cimsuudhaaf, akkasumas marii gadi fagoo barattoottaafi maatii waiin waa’ee muuxannoo jiraatanii arganii, rakkoowwan mana barumsaa deemuufi galuu gaggeessuuf banneen barnootaa 10 yoo xiqqaate barattoota bifa gara garaa qabaatan %85 ta’an keessumsiisan waliin ta’uudhaan
  • Qophiiwwan uummataa 50 ol ta’an qophaa’an keessattuu uumata warra bifaa, godaantotaafi baqattootaaf ta’erratti argamuun
  • Qorannoo Walqixxummaa sanyii kana cimsuudhaa, akkasumas dhaabbileen hawwaasaa 10 ta’an keessatti haasawaa yeroo bunaa waliin taasisan marii garee xiyyeeffannaa adeemsisuuf dhaabbileen uummataa 40 ta’an waliin ta’uudhaan
  • Bara barnootaa 2017-2018 keessa guddistootaafi barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa irraa deebiiwwan gaaffii qorannoo 250 fudhanneerra
  • Dhuma bara 2018 kan keessa qorannoo marsaa lammaffaa kanaan akkaataa lafa ballaa ga’uun hirmaannaan qorannichaa akka dabaluufi walqixxummaan hunda bira ga’u taasisuuf irra deebinee se’cca’uun dhiyeessineerra

Isiinirraa dhaga’uu barbaanna!

Ijoolleen keessan yeroo mana barumsaa deemaniifi galan akka bishkileetii haala salphaa ta’een oofan attamiin gochuu dandeenyaa? Fulbaana bara 2018 keessaa qorannoo walqixxummaa sanyii irra deebinee banna.

Adeemsa Xiinxala Walqixxummaa Sanyii

Waggaa itti aanutti, xiinxalli walqixxummaa sanyii keenyaa:

Ni Xumurama

Yeroo daban keessa attamiin akka uummata tajaajille irratti daataa xiinxali.

2018

Namoota karaa maariiwwaniifi qorannoowan keenyaa dhiibbaan irratti dhufeeru hirmaachisi.

Dhaabbileen uummataa 40tti siqan biratti dabalataan, garaa garummaa sanyiifi afaan barattoota isaaniirratti hundaa’uudhaan manneen barnootaa itti aanan kana waliin hojjenna:

  • Mana Barumsaa Giddu-galeessaa Aki Kurose
  • Bailey Gatzert Elementary
  • Concord Elementary
  • Dearborn Park Elementary
  • Dunlap Elementary
  • Rainier Beach High School
  • West Seattle Elementary
  • Wing Luke Elementary

Winter 2019

Mullata walqixxumaa sanyii keenya bira ga’uuf tarsiimoo haarawaa tolfannee uumata bifaa waiin taana. Tarkaanfii mullata keenya bira ga’uudhaaf taasifnu safaruudhaaf meetirikii ittiin madaalamu adda baasi.

Birraa 2019

Uummataaf deebisii gabaasi.

Xiinxalli walqixxummaa sanyii daandii nagaa gara mana barumsaattii maaliif barbaachisaa ta’e?

Hojiin kun kallattiidhaan barattoonni bifaa hangama yeroo ammamii keessatti dareeetti argamu kan jedhu kallattiin hojjeta sababiin isaas barattoonni Siyaatil baasii mana barumsaa hin argatan. Dammaqinsaan mana barumsaa waliin dubbachuunis milkaa’ina barnootaa ol aanaa ta’e waliiniifi fayyaa qaamaafi qalbii foyyaa’aa walitti hidhata.

Saddeeeta shanan darban ykn waggoota kurnan afur darban keessa baayyinni barattootaa bishkiliitii oofanii baayyee xiqqaachaa yeroo deemutti dargaggoonni furdina akka malee ta’een rakkatan ammoo dachaa afuriin dabaleera; kunimmoo akka malee uummata bifaa kana miidheera.

  • Ijoolleen warra gurraachaafi Laatiinoo ta’an sadarkaa furdina gara malee guddaa keessa jiru waan ta’eef carraa bakka konkolaataa dhaabbatanii, dirree taphaa, ykn daandii irra miilaan deemanii argachuu xiqqaadha.
  • Ijoolleen warra gurraachaa saatii guyyaa keessatti sochii qaamaa akka gochuu qabaniif irraa eegamuuf hunda keessaa kan ¼ dha kan ijoolee warra adii ra’anii %13 waliin yerr walbira qabamee ilaalamu
  • Siyaatil keesatti, manneen barnootaa ijoollee warra bifaa parsantaa guddaa qaban sadarkaa miilaan deemuufi bishkiliitii oofuu gadi aanaa qabu kunis yeroo manneen marnootaa barattoota bifaa %50 gadi ta’e qaban waliin yeroo walbira qabamee ilaalamudha

Mana barumsaa waliin waliin dubbachuu si’aa qabaachuun faayidaawwan fayyaa yeroo dheeraa kan qabuufi rakkoo furdina gara maleef saaxilamuu hir’isa kunis kan:

  • Dhukkuboota onneefi hidda dhiigaa
  • Dhukkuba shukkaaraa
  • Kaanserii
  • Dhiigni mataa keessatti dhangala’uu

Hojii sochii qaamaa dabaluun fayyaa sammuufi qaamaa foyyaa’aa argamsiisa akkasumas milkaa’ina barnootaa dabala.

Waliigala

Happy kid on bike with adult helping

Sochii Haqa Hawaasaa fi Sanyii Siyaatili (RSJI) yaalii loogiinsa magaalaa gutuutti bulchiinsa magaalattii keessatti sanyii bu’ureefachuun taasifamu dhaabuuf taasifamuudha. Barruun Walqixxummaa Sanyii (RET)n guddina ogganuuf, hojiirra olchuuf, fi imaamatawwan, sagantaalee, fi bajatawwa dhiibbaa fi walqixummaa sanyii to’achuuf gadhiifaman gamagamuuf adeemsa madaalawaa fi gaaffiiwwan kan kaa’eedha.

Daandiiwwan Nagaa gara manneen Barnootaa (SRTS)n sochii ganda, naannoo fi biyyaalessaa imalaafi ofuu bisikileetaa barattoonni gara mana barnootaafi gara manaatti taasisan salphaafi naga qabeessa taasisuudha. Qajeelfamni Geejjiba Siyaatil kaayyoo kana galmaan gahuuf tarsiimoowwan hedduutti fayyadama:

  • Barnoota: hundumtuu akkamitti akka nagaan deemu mirkaneessuu.
  • Jajjabeessuu: hawwaasa mana barumsaa biratti deemsa miilaafi bishkiliitii oofuu jajjabeessuu.
  • Ijaaruu: pirojektoota ijaarsaa kan akka daandii cinaa, qaxxaamura naga qabeessa ta’eefi daandii bishkiliitii irra oofan foyyeessuus.
  • Hojiirra oolchuu: Muummee Poolisii Siyaatil waliin ta’uudhaan seera tiraafikaa hojiirra oolchuu.
  • Madaaluu: milkaa’ina gara galma keenyaa naga qabeessa ta’ee duukaa bu’uun hordofuu.
  • Haangessuu: shaampiyoonii mana barumsaaf meeshaalee dhiyeessuu.