Odeeffannoo afaan hiikame
Yoo waa’ee adeemsa hayyamaa fi sakatta’iinsaa SDCI ykn ulaagaalee koodii gaaffii waliigalaa qabaattan, maaloo (206) 684-8600 irratti nu bilbilaa 0 cuqaasaa. Maaloo hojjettoota keenya afaan Ingiliffaa dubbataniif afaan filattan gaafachuuf qophaa'aa. Hojjettoonni keenya gaaffii keessaniif deebii kennuudhaaf tajaajila afaan hiikkaa ni fayyadamu. (Hojjetoonni turjumaa (afaan hiikkaa) waliin osoo wal qunnamsiisan bilbila hin cufinaa.) Waa’ee hayyama, pirojektii ykn sakatta’iinsaa gaaffii addaa yoo qabaattan, hojjettoonni keenya odeeffannoo quunnamtii keessan walitti qabuun ogeessi sirrii ta'e tajaajila afaan hiikkaa isin filattan fayyadamuun bilbila keessan akka deebisu ni taasisa.
Waa'ee seerri cabuu manneen Siyaatil, ijaarsaa, fayyadamuu lafaa, fi heerawwan wacaa irratti komii dhiyeessuu fi gaafiiwwan gaafachuuf Damee Ijaarsaa fi To'annoo Siyaatiliif (206) 615-0808 irratti bilbilaa.
Odeeffannoo waa'ee kireessaa, kireeffataa fi heerawwan kiraa manaatif marsaaritii Siyaatil keessatti Kireefatuu laalaa. (www.seattle.gov/rentinginseattle) Waa'ee kireessaa, kireeffataa fi heerawwan kiraa manaa Siyaatil gaafiiwwan yoo qabaattan, sarara gargaarsaa Siyaatil keessatti Kireefatuu (206) 684-5700 irratti bilbilaa.
Odeeffannoo armaan gadii afaan keessaniin ni qabna.