Oromo - OROMIFFA
Odeeffannoo kiraa manaa fi qabeenyaawwan Siyaatil keessa argachuuf haala haarawaa!
Wiirtuun Mana kireeffachuu Siyaatil maaliidha?
Magaalaan Siyaatil amma Siyaatil keessatti odeeffanno waa'ee kireeffachuu ilaalchisee namoota mana kireessanii fi kireeffattootaa gargaaruuf Toora Intarneetaa fi lakkoofsa bilbilaa qaba.
Odeeffannoo maali argama?
Toorri intarneetichaa haala adeemsa kireessatti itti galuu hanga bahuutti jiru ilaalchisee mirgawwan fi itti gaafatamummaa kireeffattootaa fi kan mana kireessanii lamaanu dhiyeessa. Akkasumas danbiiwwan Magaalaa, sadarkaalee manneenii isa gadaanaa, fi yoo ati ykn namni biraa ati beektu loogiin mana jireenyaa mudate maal gochu akka qabu ni ibsa. Waa'ee mana jireenyaa kee irratti nama tokko waliin haasa'u, gargaarsa argachuuf, ykn komii dhiyeefachuuf yoo barbaadde nuuf bilbilu dandeessa.
Turjumaanni yeroo hunda ni argama.
Barreeffammoota hiikaman:
Fuulli marsariitii kanaas galmeewwan waa'ee dambiiwwan kiraa, eeguumsa kireeffattootaa, seerawwan mana jireenyaa wal qiixaa, tajaajilawwan fi kanneen fayyadoo ta'an kan biraa ilaalchisuun odeeffannoo gaarii kan hiikaman qaba.
Siyaatil hunda hammannaa fi walqixxuummaatti amanti. Asitti baqqattoonnii fi koluu galtoonni ni simatamu.
Mindeessitoonni Magaalaas waa'ee sadarkaa lammii osoo hingaafannee haala garaa garummaa sadarkaa baqattummaa tokko malee jiraattoota hunda tajaajilu.
Mana jireenyaa gatii gaarii argachuu, itti galuuf, gargaarsa seeraatiif, fi qabeenyaawwan hawaasaa biraatiif gargaarsa argachuuf 2-1-1 ykn 1 (877) 211-9274 irratti bilbili ykn win211.org dawwadhu.
Eeggumsa Kireeeffataa Erga Deeggarsi Tursiisa Yeroo Xumuratmee Booda