Meet the Workgroup

አማርኛ • 繁体字 • 简体中文 • ភាសាខ្មែរ • 한국어 • Oromiffa • af-Soomaali • Español • Tagalog • ትግርኛ • Tiếng việt • English

Garee Hojii Walqixxummaa Geejjibaa Itti Makamuuf Iyyadhu

Gareen Hojii Walqixxummaa Geejjibaa (TEW) bara 2023-2024tti teessoo banaa qaba. Miseensota hawaasaa gahumsa qaban akka itti makamtan barbaadaa jirra.

Akka tiksaa Bu’uura Walqixxummaa Geejjibaa (TEF) keenyaatti tajaajiluu barbaadduu? Namoonni garee hawaasaa, networkii, ykn dhaabbilee bu’aaf hin dalagne hawaasa saaxilamoo ta’an Seattle-King County keessatti tajaajilan waliin hidhata qaban akka iyyatan affeeramanii jiru.

Iyyataa tokko deeggaru barbaadduu? Dhaabbileen kaadhimamaa TEW waliin hidhata qaban Xalayaa Deeggarsa dhiyeessuu ni danda’u.


Tajaajila Hiikkaa

Tajaajila hiikkaa barbaadduu? Namoonni dhuunfaa ykn gareewwan iyyannoo ykn Xalayaa Deeggarsa dhiyeessuuf gargaarsa barbaadan:

Miseensota Garee-hojii Ammaa

Yoordaanoos Tafarii, Itti-aantuu Dura-taa'aa Garee-hojii

Yordanos Teferi Abbaa Seeraa eDiscovery ti. Muuxannoo waggaa 17 ol seeraa fi dhaabbilee Fortune 100 irratti qabdi. Yordanos hojii guddaa Tumsa Hawaasa Aadaa Hedduutiin kan wal barsiifte yeroo boordii Giddugala Hawaasa Eertiraa keessatti tajaajiluu jalqabdedha. Har'a ammoo Daarektarri Olaanaa taatee tajaajilaa jirti. Yoordaanoos Boordii Gorsituu Kaka'uumsa Misooma Madaalawaa (EDI) fi Boordii Bulchiinsaa Hawaasota Hiree (COO) irrattis tajaajilaa jirti.

Yu Ann Youn, Itti-aantuu Dura-taa'aa Garee-hojii

Yu Ann Youn amma barattuu Gidu-gala Roobinsan Baratoota Darggaggoo tiif University of Washington digrii jalqabaa To'atiinsa Ijaarsaa tiin argachuuf dalagaa tan jirtuu dha. Mira gadi-fagoo qabdi waay'ee haqummaa sanyii ijaaruu fi industirii adda addaa Naannawaati Ijaarame keessatii akkasumas naannoo karoorfannaa fi misooma magaalaa irratti hirmaannaa ol'anaa hawaasaa wajjin akka ta'uuf dhadhesituu haxxee dha. Garee-hojii Haqummaa Geejjibaa tti kan makamteef mariiwwan naannoo karoofannaa geejjibaa keessatti sagaleewwan hawaasota BIPOC galii xiqaa fi dargaggoo ifatti as baasuf.

Rizwan Rizwi, Gargaaraa Dura-ta'aa Kabajaa

Rizwan Pirezidaantii fi CEO To'annaa Qabeenyaa SAR ti. England keessa Newcastle upon Tyne tti dhalatee guddate, To'annaa Daldalaa tiin kabajaan wajjiniin BA dhaan Newcastle University irraa akkasumas booda Bulchiinsa Daldalatiin MA dhan eebifame. Industirii investimantii keessatti muuxannoo baldhaa qaba akkasumas SMITH BARNEY Citigroup (amma qaama Morgan Stanley) tii Portfolio Haqummaa too'achuun waggoota dheeraa dabarse

2012 keessa, Rizwan Dareektara Hojii-Gaggeessa Tajaajilota Mannen Muslimaa (MHS) ta'ee iddoo bara 2018 keessa Kiing Kaawuntii guutuu keessatti namoota 1,100 oli mana akka argatan gargaaree, durummaan baqqattoota fi buqqa'oowwan mana dhabeeyyii ta'an. Garee-hojii Haqummaa Damee Geejjibaa Siyaatil tti makamee jira akka namoonni murteewwan geejjibaa keessatti sagalee qabaatan mirkaneessuf otumalleen gareewwan diinagdeen hubamoo ykn seenan bakka-bu'imma gadi aanaa qabaatan kan yeroo baay'ee saxaxa imaammataa keessatti irra utaalaman irraa dhufan ta'ullee.

Steven Sawyer, Gargaara Dura-ta'aa Kabajaa

Bishop Steven R. Sawyer falmaa mirgoota namoomaa, oogganaa hawaasaa, hojii uumaa, fi karaa-banaa amantii biyyoolessaa kan B.A. Bulchiinsa Daldalaa To'annaa Dhaabaa irratti xiyyeefate qabu akkasumas Maastars Barnoota Amantaa Misooma fi Haqa Aduunyaa irratti xiyyeefate Multnomah University Portland, OR kessa jiru irraa argatee dha. Ammatti Steven akka Dareektara Hojii-Gaggeessa POCAAN tti dalaga, duraan Neetworkii Uumatta Bifa Adii hin ta'in Farra AIDS jedhamee beekamu, ajansii tajaajila hawaassummaa aada-daneessaa hawaasota Siyaatil keessaa moggaatti baafaman erga 1987 tii tajaajilu. Ajansichi sagantaawwan haala badaan fayyadamuu qorsa sammuu nama adoochuu, hidhaa, mana maleessummaa, dhibeewwan walqunnamtii saalan darban, jibba sanyii irratti hundaa'e, jibba saala irratti hundaa'e, fi garaagarummaawwan moggaatti nama baasan biroo falmuu, barsiisuu fi sochoosu barbaadu dha. Dhaadannoo isaa kan dhaaba waliin qoodame: "Fayyaa, Hawaasa Warraaqsuu, fi Jireenya Jijjiiruu Jajjabeessuu.

An Huynh

An Huynh Qindeessituu Bakkee Uummataa fi Hawaasaa Seattle Chinatown International District Preservation and Development Authority (SCIDpda) tti dha. Naannawaa saxaxa aartii uummataa adda addaa, saxaxa paarkii, fi pirojeektiwwan hulaa fooyyessuu irratti waliigaltee barbaaduf daldaloota ollaa keessaa, jiraattota, fi abbaawwan qabeenyaa akkasumas dipaartiiwwan magaalaa, warreen maallaqa arjooman, fi dhaabbatoota saxaxaa waliin ta'uun hirmaannaa hawaasa fi qaqabiinsa pirojeektota bakkee uummataa Chinatown International District keessaa mijeessiti. An TEW tti kan makamte muuxannoowwan namoota Chinatown International District keessa jiranii kan maatiwwan %72 afaan Ingiliffaan ala ta'e haasawan fi %19.1 dulloomoo ta'an, lachuu yeroo baay'ee mariiwwan haqummaa geejjibaa irra alatti hafan, olkaasuf.

Amir Noir Soulkin

Amir Noir Soulkin Tajaajilaaleen Hawaasa Baha Aafrikaa (EACS) tti Dareektara Qunnamtii fi Misoomaa ti, dhaabbata bu'aaf hin dalagne waggaa 21 Guraachan-durfamu-tajaajilu baqatoota fi maatiiwwan baqatootaa Baha Aafrikaa Kiing Kaawuntii keessa jiraataniin fi isaanumaaf kan uumame. Inni dhaabatichaaf nama jalqbaan qunnamanuu fi damee maallaqa burqisiisuu fi misooma dhabbatichaa kan to'atuu dha. EACS Siyaatil naannawa New Holly ti jira, kan irra baay'inaan hawaasa BIPOC ta'e waggaatti dargaggoo 350 oli karaa aadaa irratti hundaayen Olmaa da'immanii tii ka'ee anga kutaa 12ffaa tti gargaarsa baruumsan boodaa, bonaa, fi gidduu-seenuu fi sagantaawwan gorsaa kallattii jijjiirsisuu kan sagaleewwan maatiiwwan baqatoota fi buuqaattota Baha Aafrikaa ol kaasu tajaajilu dha.

Amir Puget Sound Sage's Community Leadership Institute irraa eebifame bakkee beekkumsa cimaa walitti hidhannoo sochii kutaa fi qaqabiinsa geejjiba nagaa qabeessa, gatiin madaalawaa, walqixa kan haala jireenyaa hunda wal qabsiisu walakaa jiru. Baqattonni guraachaa yeroo baay'ee haasaawwan imaammataa irraa alatti hafu sababa afaaniitii fi/ykn gufuuwwan qaqabiinsatiif kun waan namoota hawaasaa karaa hirmaannaa dimokraatawaa bocamee keessaa jirataniif haalan hamaa ta'edha. Amir Garee-hojii Haqummaa Geejjibaa irratti tajaajilun akka bakka hawaasota baqatoota fi buuqaattota Baha Aafrikaa bakka bu'uun dalagaa barbaachisaa fi dhiibbaa qabeessa irratti himaachuu danda'utti itti dhaga'ama: "Bakka-bu'aa qabaachun gatii qaba. Tokkumman BIPOC Gatii Qaba. Lubbuun Guraachaa Gatii Qaba. Sagaleewwan Guraachaa gatii qabu. Fedhiiwwan Guraachaa gatii qabu. Dinaagdeen Guraachaa gatii qaba. Qulqullinni jireenya Guraachaa gatii qaba."

Karia Wong

Karia Wong erga 1998 tii baqattoota tajaajilaa jirti, jalqaba akka tola-baatutti akkasumas amma Giddu-gala Odeeffanno fi Tajaajila Chaayiniizi (CISC) tti akka Qindeessituu Giddu-gala Qabeenya Maatii tti tajaajila jirti. Waggoota 20+ baqatoota gargaaraa turtetti, Karian akkamitti baqatootaf walqixxummaa dhabuun geejjibaa jireenya isaanii haaraa Siyatil keessatiif gufuu ta'e argite. Namni martuu biyyi irraa dhufan, afaan, dubduubee fi dandeettiiwwan qaamaa/sammuu isaanii otoo ulaagaa keessa hin galin filannoowwan geejjibaa nagaa qabeessa, gatii madaalawaa, qaqabamaa fi haala naannawaatif bubbuluu kan danda'u qaqabiinsa walqixa ta'e qabaachu qabu jetteeti amanti.

Miseensota TEW duraanii

  • Cesar Garcia
  • Ellany Kayce
  • Khatami Chau
  • Kiana Parker
  • Kristina Pearson
  • Chris Rhoades
  • Christina Thomas
  • Phyllis Porter
  • Micah Lusignan
  • Julia Jannon-Shields
  • Sokunthea Ok (Qajeelcha Ollaawwanii (DON), Wal-qunnamisiiftuu Hawaasaa)
  • Analia Bertoni (Qajeelcha Ollaawwanii (DON), Wal-qunnamisiiftuu Hawaasaa)

Transportation

Greg Spotts, Director
Address: 700 5th Ave, Suite 3800, Seattle, WA, 98104
Mailing Address: PO Box 34996, Seattle, WA, 98124-4996
Phone: (206) 684-7623
684-Road@seattle.gov

Newsletter Updates

Subscribe

Sign up for the latest updates from Transportation

The Seattle Department of Transportation (SDOT) is on a mission to deliver a transportation system that provides safe and affordable access to places and opportunities for everyone as we work to achieve our vision of Seattle as a thriving, equitable community powered by dependable transportation.