Oromo / Oromoo

Sagaleen kee filannoowwan Seattle keessatti akka dhagahamu taasisi.

Sagantaan Vaawuchara Dimokraasii (The Democracy Voucher Program) jiraattota Seattle akka filannoo naannoo keessatti hirmaatanii fii waajjiraaf akka dorgomaniif sakaallaawan hir'isuuf madda gargaarsaa dhiyeessa.

Vaawuchara Dimokiraasii (Democracy Voucher) jechuun maal jechuudha?
Magaalaan Seattle (City of seattle) jiraattotaaf Vaawuchariiwwan Dimokraasii (Democracy Vouchers) ni dhiyeessiti. Vaawuchariiwwan Dimokraasii (Democracy Vouchers) waraqaalee ragaa gatii $25 qaban akka duula naannoo irratti fayyadamaniif tokko tokkoo jiraattotaatif kennamudha.

Kaadhimamaa kamtu Vaawuchariiwwan Dimokraasii (Democracy Vouchers) argachuu danda'a?
Sagantaan kuni kaadhimamtootaf filannoodha. Kaadhimamtootni saganticha keessatti hirmaatan vaawuchariiwwan fudhachuu ni danda'u. Vaawuchariiwwan Dimokraasii (Democracy Vouchers) kaadhimamtoota Mana Maree Magaalaa, Abbaa Murtii Magaalaa, Seattle keessatti kaantibaa ta'uudhaaf dorgomaniif kennamuu ni danda'a.

Filannoon Magaalaa Seattle (City of seattle) kan itti aanu yoomi?
Filannoon Magaalaa Seattle (City of seattle)inni itti aanu 2023 keessa.

Vaawuchariiwwan Dimokraasii (Democracy Vouchers) argachuu ni dandeessa yoo:

  • Jiraataa Seattle taate,
  • Yoo xiqqaatte Umrii waggoota 18, fi
  • Lammii U.S, Jiraataa U.S, yookiin jiraataa dhaabbii seera qabeessa.

Filataa galmaa'e yoo taate, kallattiidhan Vaawuchariiwwan Dimokraasii (Democracy Vouchers) kee argatta.

Waa'ee kaadhimmamtootaa ani akkamittan baradha?
Waa'ee kaadhimamtoota waajjiraaf dorgomanii baruudhaafFuula Beeksisa Kaadhimamaa ilaali  

Kaadhimamtoota hirmaatanfuula kaadhimamtoota hirmaatanii. ilaali 

Gaaffiwwaan?  Maaloo (206) 727-8855 bilbili (gargaarsi afaanii ni jira).

Hawaasa kee keessatti fayyadamuudhaaf barruuwwan kanneen buufachuu ni dandeessa.  

Ati gadibuusuu yookiin nmeeshaalee kana piriintii gochi hawaasa kee keessaatti fayyadamuuf 

Uunka Sagantaa Filannoo Dimookiraasii 

Waajjiraaf Seattle tti dorgomuu ni barbaaddaa?