Kaffaltii Tajaajila Bu'uuraa Keessanii Hir'isaa
Ifti Magaalaa Siyaatil (ibsaa) fi bu'uuralee tajaajila hawaasummaa Siyaatil (bishaan/dhangala'aa xurawaa/kuusaa balfaa) sagantaalee kaffaltii tajaajila manaa keessan akka bulchitan isin gargaaran ni dhiyeessu.
Ulaagaa guutuu dandeessa:
- Sagantaa Hir’ina gatii Tajaajila: Ji’a ji’aan kaffaltii fayyadamaa %50-60n hir’ifama
- Gargaarsa kaffaltii tajaajila:
- Ifa Magaalaa Siyaatil: Waggaatti $250 hanga $750 fi isaa ol kaffaltii tajaajila elektirikiitif
- Tajaajila Uummataa Siyaatil: Kaffaltii bishaanii, dhangala'aa xuraawaa, fi balfa irratti waggaatti $500 fi isaa ol
Gargaarsa tajaajila argachuuf ulaagaa guutuu danda'uu kee mirkaneessi.
Herrega amma Ammaa qabdu Irratti Gargaarsa Argadhu
Karoora Kaffaltii Qopheeffadhu
Ifa Magaalaa Siyaatil fi Tajaajila hawaasummaa siyaatil karoora kaffaltii waan dhiyeessaniif kaffaltii keessaan kaffaluuf yeroo dabalataa qabdu.
Beeksisa tajaajila dhaabuu argattee?
(206) 684‐3000 (Wiixataa – Jimaata, sa’aatii 7:30 AM – 6 PM) irratti nu bilbilaa.
Tajaajilli hiikaa afaanii gatii tokko malee siif dhiyaata.
Odeeffannoo dabalataatiif marsariitiiwwan Ifa Magaalaa Siyaatil fi Tajaajila Hawaasummaa Siyaatil daawwadhu.
- Maqaa keessaniin herrega ifa magaalaa siyaatil ykn Tajaajilaa hawaasummaa qabaadhaa
- Teessoo mana jireenyaa tokko keessa jiraadhu (maamiltoonni daldalaa ulaagaa hin guutan)
- Galiin waliigalaa maatii keessanii sagantaa barbaachisu keessa jira
Hiika Galii
- Galii Maatii (gibiraan duraa): Galii waliigalaa nama mana keessan keessa jiru hundaaf osoo gibirri hin baafamin dura.
- Baay'ina Maatii: Nama si waliin jiraatu hunda (miseensota maatii, namoota kutaa tokko keessa jiraatan, fi kanneen biroo), firooma si wajjin qabaatanis qabaachuu baatanis.
Qajeelfamoota Galii 2026
Sagantaa Hir'ina Tajaajilaa
Kaffaltii elektirikii fi bishaaniif ji'a ji'aan hir'ina gatii itti fufiinsa qabu.
| Baay'ina Maatii | Galii Ji'aa (Gibira duraa) | Galii Waggaa (Gibira duraa) |
|---|---|---|
| 1 | $4,269 | $51,228 |
| 2 | $5,582 | $66,984 |
| 3 | $6,895 | $82,740 |
| 4 | $8,209 | $98,508 |
| 5 | $9,522 | $114,264 |
| 6 | $10,836 | $130,032 |
| 7 | $11,082 | $132,984 |
| 8 | $11,328 | $135,936 |
| 9 | $11,575 | $138,900 |
| 10 | $11,821 | $141,852 |
| Tokkoo tokkoon Nama Dabalataa | +$247 | +$2,964 |
Sagantaa Gargaarsa tajaajilaa kaffaltii Hatattamaa fi Gargaarsa Hatattamaa
Gargaarsa Kaffaltii tajaajila elektirikii fi bishaanii keessaniif.
| Baay'ina Maatii | Galii Ji'aa (Gibira duraa) | Galii Waggaa (Gibira duraa) |
|---|---|---|
| 1 | $4,878 | $58,536 |
| 2 | $6,379 | $76,548 |
| 3 | $7,881 | $94,572 |
| 4 | $9,382 | $112,584 |
| 5 | $10,883 | $130,596 |
| 6 | $12,384 | $148,608 |
| 7 | $12,665 | $151,980 |
| 8 | $12,947 | $155,364 |
| 9 | $13,228 | $158,736 |
| 10 | $13,509 | $162,108 |
| Tokkoo tokkoon Nama Dabalataa | +$281 | +$3,372 |
Piroojektii waliinii (Project Share)
Gargaarsa dabalataa kaffaltii ibsaatif.
| Baay'ina Maatii | Galii Ji'aa (Gibira duraa) | Galii Waggaa (Gibira duraa) |
|---|---|---|
| 1 | $7,680 | $92,160 |
| 2 | $8,784 | $105,408 |
| 3 | $9,876 | $118,512 |
| 4 | $10,960 | $131,520 |
| 5 | $11,840 | $142,080 |
| 6 | $12,720 | $152,640 |
| 7 | $13,596 | $163,152 |
| 8 | $14,484 | $173,808 |
| 9 | $15,348 | $184,176 |
| 10 | $16,225 | $194,700 |
| Tokkoo tokkoon Nama Dabalataa | +$875 | +$10,500 |
Ulaagaaleen galii waggaa waggaatti haaromfama.
Ulaagaa guutuu qabdaa? Amma iyyadhu gargaarsa tajaajilaa (utility) argachuuf.
Iyyannoon tokko sagantaalee hedduuf akka iyyattu si dandeessisa.
- Karaa marsariitii Iyyadhu (afaanota hedduun argama)
- Foomii iyyannoo waraqaa (PDF) buufadhu ti karaa poostaa, faaksii, ykn imeeliitin ergi.
- Kutaa Tajaajila Namaa - Gamoo Giddugaleessaa 810 darbii 3ffaa Ave, Suite 440, Siyaatil, WA 98104 irratti kan argamu irraatti (Wiixata - Jimaata, 8 - 10 ganama fi 12 - 2 galgala) nu daawwadha. Tajaajilli hiikaa afaanii gatii tokko malee argama.
Odeeffannoo Herregaa Kee Mirkaneeffadhu
- Maqaan kee Kaffaaltii tajaajilaa irratti tarreeffamuu isaa mirkaneeffadhu. Yoo kana hin taane abbaa herregaa akka iyyatu gaafadhu.
- Lakkoofsa herregaa kee argadhu:
- Kaffaltii keessan irratti
- Marsariitii Tajaajila fayidaa koo irratti
- Ykn (206) 684 3000 (Wiixata - Jimaata, 7:30 ganama - 6 galgala) bilbiluun.
Sanadoota Kee Walitti Qabadhu
- Suuraa Waraqaa eenyummaa ga'eessota mana keessan keessa jiran hundaa (waggaa 18 fi isaa ol)
- Sanadoota galii kan namoota waggaa 18 fi isaa ol hundaa
- SNAP ni argattaa? Yoo maqaan kee kaffaltii Ifa Magaalaa irratti jiraatee fi SNAP argatte, xalayaa kennaa DSHS kee qofa kennuu qabda. Sanadoonni galii biroo iyyachuuf hin barbaachisan.
Sanadoota kee gatii tokko malee iskaanii, kooppii, pirintii ykn faaksii gochuu dandeessa:
- LakkoofsaTajaajila Faayidaa Magaalaa Giddugaleessaa
- Giddugala Tajaajila Maamiltootaa (Ballard, Giddugaleessa, Lake City, Kibba Bahaa, Kibba Lixaa, Aanaa Yuunivarsiitii)
- Mana Kitaabaa Ummataa Siyaatil
- Mana Kitaabaa Kaawuntii King
Maatii keessan keessatti namoota ga'eessota hundaa (waggaa 18 fi isaa ol) waraqaa eenyummaa suuraa qabu iyyannoo keessan waliin dhiheessaa.
Waraqaan eenyummaa suuraa qabu kan fudhatamu:
- Layisensii konkolaachisummaa ykn waraqaa eenyummaa Mootummaa
- Paaspoortii
- Waraqaa eenyummaa Waraana Yunaayitid Isteets
- Waraqaa eenyummaa Sabaa (Tribal ID)
- Kaardii Jiraataa Dhaabbataa (Permanent Resident Card)
Waraqaa eenyummaa fuuldura isaa ykn fuula suuraa paaspoortii qofa kooppii gootanii dhiheessuun gahaadha. Waraqaa eenyummaa yeroon isaa waggaa darbe keessa dhumate ni fudhanna.