Karoora Geejjibaa Siyaatil

አማርኛاَلْعَرَبِيَّةُ • 繁体字 • 简化字 • 日本語 • ភាសាខ្មែរ • 한국어 • ລາວ • Oromiffa • русский язык • af-Soomaali • Español • Tagalog • ภาษาไทย • ትግርኛ • Tiếng việt •  украї́нська мо́ва •  English

Mul'ata fuula duraa tajaajila geejjibaa Siyaatil

Waa'ee uumuu karoora tajaajila geejjibaa Siyaatil (STP) baradhuutii akkasumas dabalami! Marsariitii kanatti fayyadamuun hireewwanitti hirmaadhu, hojii karoorfameef madda gargaarsaa barbaadi, akkasumas odeeffanno waqtawaa akkaataa karoorri itti deema jiru irratti argacchuuf.

Ammaan tana maaltu ta'aa jira

Karoorri tajaajila Geejjiba Siyaatil maali?

Karoorri tajaajila Geejjiba Siyaatil (STP) kutannoon keenna sirnna tajaajila geejibaa nama hundaaf banaa ta'e kan nagaa, bu'a qabeessaafi filannaa gatii walqixaawaa ta'e filannoowwan bakka adda addaa fi hiree qaqqabu ijaarudha.

Sirni tajaajila geejjiba keennaa karawwanii fii cinaa daandii irraa caala. Wanti inni ammatu otobisiiwwan, baabura salphaa, cinaa daandii, eddoo hawaasummaa fii waan heddu kana caludha. Garuu COVID-19, jijjiramni qilleenssaa, akkasumas guddinni baay'insi ummaataa akka sirni kun laafumatti deemu danqqaa itti godha. Sababaa kanaaf sirna hojii itti fufiinsa qabu kalaquu feena.

Maaliif tajaajjilli geejjibaa Siyaatil Dhimma Kiyyaa fii Kan Hawaasa Kiyyaa ta'a?

Eessas deemtu- gara dalagaa ykn mana baruumsaa, hiriyyoota daawwachu, bakka amanttaa keetii deemuf, ykn irbaata nyaachuuf bahuu ta'innaa, karaa nagahaa, dadafaa fii gatii walqixxaawaa taheen godhuu danda'u qabda. Salphati, fedhiin tajaajila geejjiba keenyaa kara hedduun jireeyna keenya boca. Dalagaa Karoora Tajaajila Geejjibaa Siyaatil (STP) keessatti hirmaachuudhaan, sirna nama hundaaf fooyya'iinsaan dalagu ijaaruuf nu gargaarta.

Sirni tajaajila geejjibba Siyaatil nama hundaaf bu'a buusuu qaba. Yeroo akkan hedduu, oggaa karoorrawwan baafaman, karoorrawwan kun namoota hedduu ka alatti hambisuudha keessattuu namoota gurraacha, dhalataa lafaa, ykn hawaasa bifa adii hin taane, namoota LBGTQIA+, namoota hiyyummaa qaban/hiyyoolee/, hawaasa godaantotaa akkasumas namoota afaan Ingiliffaa mana keessatti hin dubbanne, dargaggoota, gameeyyiwwaniifi namoota ir'ina qaamaa qaban. Akka fidhiin nama maraa guutamuuf sagaleen nama kamuu dhagahamuu akka qabu amanna.

Waliin, gaafii kana haa deebisnu: Sirni tajaajila geejjibaa keenna akkam akka fakkatuufi dhagahamu feeta?.

Waa'ee Karoora Geejjibaaa Siyaatil irraa caalatti baradhu

Gafiileen deddeebi’ani gaffataman

Karoora Geejjiba Siyaatil (STP) irraa caalatti naaf himuu dandeessaa?

Karoorri Geejjibaa Siyaatil kuni mul'attaa fulaa duraa tajaajila geejjiibaa Siyaatil keessati. Hirmaannan hawaasa ijaarsa karooraa kanaa keessati qaama murteessaadha. Karoorri Geejjibaa Siyaatil kaayyoo, tarsiimoo, fi gorsoota sirna tajaajila geejjibaa magaalaa keennaaf ammaa fii fuldurattis dalaguu bu'uuressa. Karoorri kun waan humdumaa ni boca gargaarsa mallaqaa tajaajila geejjibaa irraa kaasee hanga karoorawwan hojii fi sagantaawwan akkaataa nuti eddoo hawaasa itti gammannuu fii magaalaa keessa deemnu fooyyeesaniidha.

Nuti sirna geejjibaa fedhii keessan guutu uumuf sii fi ollawwan kee wajjiin dalaguu barbaanna.

Yeroo akkan hedduu, oggaa karoorrawwan mootummaa baafaman, karoorrawwan kun namoota hedduu ka alatti hambisuudha keessattuu namoota gurraacha, dhalataa lafaa, ykn hawaasa bifa adii hin taane, namoota LBGTQIA+, namoota hiyyummaa qaban/hiyyoolee/, hawaasa godaantotaa akkasumas namoota afaan Ingiliffaa mana keessatti hin dubbanne, dargaggoota, gameeyyiwwaniifi namoota ir'ina qaamaa qaban. Akka fidhiin nama maraa guutamuuf sagaleen nama kamuu dhagahamuu akka qabu amanna. Nuti dhabbatootaa hawaasa bu'ura godhataniin fuulduratti walii galla, warra durumaa hawaasa tajaajilan waajjin walitti hidhama qaban, dhageeffachuu fi karoorichi safuu fi fedhiiwwan nama maraa akka calaqqisissu mirkaneessuf.

Qabxiin ijoo? Karoorri Geejjiba Siyaatil murrannaa keenna ijaarsa sirna geejjibbaa akka:

  • Feedhii namoota hundaa guutu,
  • Nu cufa keenna karaa nagayaatiin, karaa hojjachuun danda'amuufii gatii kafaluun danda'amuun eddoowwaniifi hireewwan waliin nu gahu akkasumas
  • Nama hunddaa- gosa, kutaa, saala, saalummaa, lammummaa, umrii, ykn dandeettiin odoo addaan hin qoodin-kabajaafi wal qixxummaan tajaajila.

Karoorri Geejjibaa Siyaatil yoom dhumata?

Wixineen STP walakkeessa bara 2023tti gamaaggama ummataaf ni dhiyaata.

Ammaan tana hirmaachuu ni danda'aa?

Eeyyee! Karoora safuu, fedhii fi muxannowwaan keessan kan calaqisiisu qopheessuu feena. Yaada keessan nuuf qooduuf Giddugala Hirmaannaa Toora Interneetii Karoora Geejjibaa Siyaatil keenya daawwadhaa!

GABATEE YEROO

Bitootessa 2022: Projeektii Jalqabuu!

      • Ji'a kana keessa, galii keenna qooduu, kaayyoo, gabatee sagantaa, akkasumas hireewwan hirmaannaaf michuwwan fii hawaasota wajjiin.

Caamsaa-Hagayya 2022

      • Marsaa 1ffaa hirmaannaa ummataa. Marsaa kana keessatti, hawaasa waliin hojjenne, yeroo Siyaatil keessa sochootan dursa, qormaata, fi fedhii keessan hubachuuf.

        Bobba'iinsa marsaa jalqabaa irratti galtee fi yaada keessan kan nuuf qooddan hundi galatoomaa! Yeroo Siyaatil keessa sochootan dursa kennuu, qormaata, fi fedhii keessan akka qooddan gaafanneeti turre.

        Cuunfaa Hirmaannaa Marsaa 1ffaa booda birraa kanaa kan waan hanga ammaatti dhageenyee fi akkaataa karoora bocaa jiru ibsu ni qoodna. Gidduu kana, namoonni yeroo Marsaa 1ffaa keessatti piiniiwwan kaartaa wal-qunnamtii keenya isa jalqabaa irratti kaa’aman gamaaggamuu ni danda’u.

Fulbaana-Muddee 2022

      • Marsaa 2ffaa hirmaannaa ummataa. Boqonnaa hirmaannaa lammaffaa keessatti, Boqonnaa 1 keessatti waan isin irraa dhageenye isiniif qoodnee galteen keessan karoora sana akkamitti akka qajeelchu agarsiifna. Akkasumas gara fuulduraatti akkamitti akka naanna’uu barbaaddan, tarkaanfiiwwan akkamii akka fudhannu barbaaddan, akkasumas gochoonni kun qaama sirna geejjibaa keenyaa ta’uu akka barbaaddan hubachuuf ni hojjanna.

Amajjii-Waxabajjii 2023

      • Marsaa 3ffaa hirmaannaa ummataa keessatti, yaada keessan akka nuuf kennaniif DRAFT STP isiniif qoodnee jirra.

Jalqaba bara 2024

      • STP xumuramee jira!

Siyaatil karoora kana amma maaf barbaaddi?

Rakkinna ariitii fi fulla'aa: Wajjiin, rakkinna geejjibaa arguutti jirra kan sirna geejjibaa keenna irratti dhiibbaa itti godhu. Kuni kan dabalatu:

      • Dhiibbaan COVID-19 jireenyaa hawaasa keennaa akkasumas akkaattaa itti imallu irraan gahaa jiru,
      • Balaan tasaa kan qilleensaa akka qilleensi hamaan daangaa darbe argamu godhuun karaawwan keennaa irraa dhiibbaa geessa,
      • Hedduminni uummataa dabaluun akka sosochiin konkolaataa dabalu akkasumas barbaachisummaa argamiiti manoota gatii walqixaawaan naannoo sirna giijjiba hawaasati ibsa,
      • fi kan kanaa olii.

Kunneen dalagaa ariittii gaafata. Yaaduun dirqama keenna akkasumas sirna geejjibaa haarawa uumuudhaan kan rakkinoota jiraniff deebii keennuu fi akka namni hundduu nagahumaan, haala ga'uumsa qabaataan, akkasuma gatii wal qixxawaa taheen Siyaatil keessa deemu kan gargaaruudha.

Paakeejjii gargaarsa maallaqaa kan misooma geejjibaa harawa: Qarqaba gargaarsa maallaqaa keenna kan yeroo ammaa, Qaraxa Siyaatiliin sochoosuuf guuramu, 2024 keessaa yeroon irraa dhuma. Qaraxni Siyaatiliin sochoosuu miliiyoona $930 waggaa sagal keessatti (2016-2024) gahutti dhiyeessuf kan godhuufii bajata Geejjiba keennaa keessaa %30 kan ta'u kan uwwisuudha. Paakeejii Fandii haaraa dub-deebii (feed back) keessan hunda'ee missomsuu nu barbaachisa. Gargaarsa keessan wajjiin STP hundeessuuf, nutti paakeejjii maallaqaa qopheessuu dandeena akka fedhii keessan guututti.

Fooyyeessaa Karoora hunda galeessa Siyaatil wajjiin walii galuudhaan: Karoora Hunda Galeessa Siyaatil haraa'oomsuu (Karoora hunda galeessi) dameewwan Magaalaa yeroo murtii gurguddoo murteessan fi yeroo Siyaatil itti guddatuu wagaa diigdamman dhufan keessatti jijiramtu irratti meeshaa itti fayyadamaniidha. Wantoota hedduu keessaa, Karoorii Hunda Galeessaa elementii geejjibaa dabalata. Karoorri Hunda Galeessaa kun harowomsamaa jira yeroodhuma nut Karoora Geejjiba Siyaatil ijaarsaa jirrutiti. Kuni barbaachisaa dha maalifuu Karorrii Geejjibaa Iftoomina olaanaa kan hawaasaaf bal'innaan dhiyeessuuu haala akkattaa gallowwan Karoora Hunda Galeessa fi tarsiimoon sirna geejjibaa keennaa keessaa lubbuu akka godhatu godha.

Safuu maaltu karoora kana oofaa jira?

Karoorri Geejjiba Siyaatil (STP) safuu keenna calaqisiisa. Dabalataan karoorri kun kan irratti xiyyeefatu qilleensa keenna, haqummaa, bulchiinsa gaarii, akkasumas fedhii naganyummaa akka danqaawwqan jajjaabaa kan harkaa nuqabnu bakka itti godhuuf nu gargaara.

Safuu SDOT akkasumas Galoowwan:

Haqummaa: Geejjibni dirqamaan fedhii hawaasota bifa addii hin taane akkasumas warreen galiiwwan, dandeettiiwwan, fi umri maraa guutuu qaba jennee amanna. Galoon keenna hawaasotaa waliin walii galtee umuudha sirna geejjibaa haqa gosaa eegu fii hawaasummaanis haqa qabaata ka ta'e ijaaruf.

Nageenyummaa: namni martua nagaadhaan magaalaa keessaa deemuu danda'uu qaba jeennee ammanna. Kaayyoon keenna nageenyummaan isaa kan eeggame qileensa tajajila geejjibaa uumuu akkasumas Siyaatil keessaati balaa cimaa fii nama ajjeessu dhabamsiisuudhaafi.

Sosochii: Nut filannoowwan geejjibaa hireewwan hedduu bira gahuu danda'an akka barbaachisaa ta'eti amanna. Kaayyoon keenna namoota, eddoowwan, akkasumas meeshaawwan halaa amanamaa ta'een kan waliin gahu sirna geejjibaa ijaaruu, dalaysiisuufii tursiisuudha.

Itti fufummaa: Nuti kan amannu fayyummaan naannoo dhaloota dhufuuf fooyyaa'uu qaba karaa geejjiba itti fufiinsa qabuutiin. Kaayyoon keenna balaa jijirama qilleenssa naannoo sirna geejjibaa kan itti fufiinssaan if irraa ittisun hiikuudha.

Jiraachuu: Jireenya guyyaa- guyyaa gargaarudhaaf tajaajilli geejjibaa akkan barbaachisa jennee amanna. Kaayyoon keenna karawwaniifi daandiiwwan lukaa cinaa to'achudha karaa jireenya hawaasaa duroomsuu fi fayyaa hawaasa foyyeesisutti.

Caallummaa: Waan hawaasni tajajillu nurraa eega caallee argamuuttiin amanna. Kaayyoon keenna danqaawwan ar'aa fi boru nutti dhufan garee ittisuu irraa caalaan dandeetiidhaan qophaa'e ijaarudha.

Siyaalit duraahu karoorawwan hedduu qabdi. Karoora haarawa maaf barbaanna? Wanti inni addatti godhu maali?

Karoora mara ammaataa ta'e፡ STP sosochii, waliin gaha, akkasumas barbaadumsa eddoo hawaasaa waraqaa ragaa tokkon sirna tokko akka ta'u godhu. Karoorri kun fulduratti hin harawoomsa namoota miilaan deemoo keenna, bishikililiiti, traanziiti, fii karoora gosa fee'aa feedhii keenna kan ammaati fii fulduraa qunamuuf. STPn kaka'uumsa (karoora misooma) maaltittii wajjiin kan walitti qindaa'ee kan hojatamuu yoo ta'uu isaaniis Viziyoon Zeeeroo, Sochii Sabummaa fi Haqummaa Hawaasaa (Race and Social Justice), karoora Raawii jijjirraa Qilleensaa, Blueprintii Geejjiba eleektriikaa, fi kan biroodha. Dabalataanis, karoorawwan ageensiiwwan geejjibaa naannawaa biroo basaniis ni ilaalla akka tarsiimoon kamtu Siyaatiliif haalan akka dalagu ilaaluu dandeenyuf.

Gosa walfudhatuu fii dadaffi : STP filanaawwan sosochii, (Kan akka biskilileeti oofuu, miilan deemuu, geejjiba hawaasaa fudhachuufii kan biroos) waliin dalaguun si gargaaraa akka ati hireewwan argachuu dandeetu, namoota qunnamuu fii eddowwan deemu dandeetu.

Hirmaannaa Hawaasaa: Hirmaannan hawaasaa akka ifaa, kan nama hundumaa ammaatu akka ta'uuf duursa STP kennina. Akka atii fii ollaawwan keetis irratti hirmaachu danda'an laafisuuf jecha dhihaannaa haarawa fayyadamna.

Adeemsa Karooraa keessatti hawaasni akkamiin hirmaataa?

Siin qajeelfamnee: STPn fulduratti siin qajeelfama- hawaasota keennaan. Sagaleen kee akka karoora kana bocuuf nu gargaara. Yaadaa keessan ni caqasna akkasumas deebii keenninaaf akkuma danqaawwaan gurguuddaa fala keennuuf mul'ata haaraa magaalaa keennaaf dalagaa jirruuti.

Uummata hojimaataan adeemsaa karooraa keessaa alatti hafan irratti xiyyeeffanna: Sirna geejjibaa fulduraa bocuuf ummatta Siyaatil keessa jiran ni qunnamna, xiyyeeffannaa uummatoota yeroo maaraa adeemsa karooraa keessaa alatti hambifaman kan akka ummattoota Gurraachaa, Dhalattoota lafaa, ykn qaamolee hawaasaa bifa adii hin taane, uummatoota LGBTQIA+, uummatoota hiyyummaa keessatti jiraatan, hawaasa baqatootaa fi namoota afaan Ingliffaa hin dubbannee, dargaaggoota, manguddoota fi namoota hir'ina qaamaa qaban.

Namoota hawaasaatti dhiyeenyaan jiran dandeetti isaanii ijaruu: dhaabbolee hawaasa bu'ura godhatanii fi Bakka Bu'oota Damee Gandoota Hawaasa Siyaatil wajjiin walii galuun hawasa keennaa wajjiin walii galtee ijaaruu, namoonni hunduu akka hirmaatan laaffisuu fi walqixxummaa gosaa bu'uraa kan godhate karaa hirmaannaa jajabeessuuf dalagaa jirra.

Tarsiimoo hirmaannaa haaraa: Adeemsa hirmaannaa STP wajjiin, namoonnii sanyiin haqa qabeessa kan ta'e fii kara haqa qabaadhaan akka hirmaan karaa laafaa godhuu xaaraa jirra. Sagaleewwan heedduu dhagahuuf deemna, akka hawaasni hojimataan alatti hambifaman akka hirmaatan, akkasumas akka hirmaannan isaani barbaachisaa ta'u akka itti dhagahamu. Akkas kan goonu adaan itti dhiyoo, banamaa, fii tarsiimoo hunda hammataa kan duursa fayyaa hawaasaa keennu yeroo golfaan COVID-19 deemaa jiru kanatti.

Sagalee keesaan qaama akkaan barbaachisaa adeemsa kanaati akkasumasa siifii olloota kee wajjiin dalaguudhaaf hawwina karoora Siyaatil guutuuf dalagu kana ijaaruuf.

Akkamitti STPn Karoora Hunda Galeessaa Foyya'aan walitti hidhame?

Haaromsa Karoora walii gala Siyaatil - Karoora Siyaatil Tokkoo - waggoota digdama dhufaniif akkamitti akka Siyaatil guddatuu fi dagaagdu murteewwan barbaachisoo ta'e ni qajeelchu.

Karoorawwan lamaanu yeroo tokkotti qopheessuf Wajjira Karoorfannaa fi Misooma Hawaasaa (OPCD) waliin dhiyeenyan dalagaa jirra. STP fi Karoora Siyaatil Tokkoo wajjiin, investimentoota manaa, hojjiiwwanii, fi hawaasaa fulduraaf deebii kennu.

Dabalataan barachuu fi fulduree suuraa-guddaa Siyaatil gajeelchuf yaada keessan qooduf marsaritii Karoora Siyaatil One OPCD's daawwadhaa.

Karoora Geejjiba Siyaatiliif adeemsi irra deebin ilaaluu naannawaa maali?

STPn adeemsa gamaggamaa Seera Imaammata Naannawaa Isteetaa (SEPA) keessa ni darba. SEPAn yeroo admeesaaleen karooraa fi murtee-kennuu keessatti safuuwwan naannawaa akka gadi fageenyaan akka ilaalaman ni taasisa.

Argannoon EIS iftoominaaf kutannoo qabnu kan cimsu yoo ta’u, murtii odeeffannoo irratti hundaa’e kennuudhaaf gumaacha ni taasisa. Yaadni keessan EIS irratti galtee karaa hirmaannaa hawaasaa guddaa STPf qoodame waliin ta’ee hammatamaa jira.

Yeroo Yaada Daangaa: Waxabajjii 16 – Adooleessa 29, 2022

Yeroo yaada kennitan keessatti warri yaada nuuf qooddan hundi galatoomaa. Galteen keessan Ibsa Dhiibbaa Naannoo keessatti maaltu akka hammatamu beeksisaa jira.

Transportation

Greg Spotts, Director
Address: 700 5th Ave, Suite 3800, Seattle, WA, 98104
Mailing Address: PO Box 34996, Seattle, WA, 98124-4996
Phone: (206) 684-7623
684-Road@seattle.gov

Newsletter Updates

Subscribe

Sign up for the latest updates from Transportation

The Seattle Department of Transportation (SDOT) is on a mission to deliver a transportation system that provides safe and affordable access to places and opportunities for everyone as we work to achieve our vision of Seattle as a thriving, equitable community powered by dependable transportation.